ONM-ABO Amajjii 17, 2025
Roobii darbe Amajjii 15, 2025 godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii sabaan Oromoo ta’e tokko qawwee AKM Turkii 1, gumbii 5, boombii F1 2 fi rasaasa 150 fudhachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Baha Oromiyaatti harka kennateera.
Akka miseensi kun jedhutti haalli raayyaan ittisa Impaayerattii teessuma barcuma Abiy Ahimed tiksuuf bobbaafaman amma keessa jiran baay’ee akkaan haamilee kan hin qabnee fi hedduun isaanii meeshaa of irraa istooruudhaan gara maatii isaaniitti galaa akka jiran ibsa.
Itti dabaluunis gariin meeshaas gurgurratanii gara jireenya dhuunfaa isaaniitti akka badaa jiran dubbata. Waraanni PP waldhabdee fi walshakkii hedduudhaan akka wal jeeqanii fi sabatiinsi keessoo isaanii akka hin jirre irra deebiin dubbachuun, miseensi waraana Bilxiginnaa duraanii kun ijoollee sabaan Oromoo ta’anii qawwee baachaa jiraniin saba keessan irraa dhalattan miidhuu irra qawwee keessan qabadhaa gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennadhaa jechuun dhaamsa dabarseeraafii jira.


