• Thu. Mar 19th, 2026

Gubaatiin manneenii fi hidhaan hawaasa nagaa irratti loltoota impaayera Itiyoophiyaan raawwatu Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa fi Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti jabaatee itti fufe

Jan 17, 2025

ONM-ABO Amajjii 17, 2025 

Aanaa Calliyaa ganda Tulluu Kosorruu jedhamu keessaa Amajjii 14, 2025 waraanni sirna dhableessi impaayerattii nama maqaan isaa Lammii Taaddalaa jedhamu jalaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun mana jireenyaa isaa qabeenya hunda waliin ibidda itti shidanii barbadeessuu maddeen ONM’tti himan.

Kana malees aanichuma ganda Biloof Ceekuu jedhamu keessaa ammoo Amajjii 13, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Gaaddisaa Gurmeessaa,
  2. Buzee Baqqalaa,
  3. Dabalaa Taarikuu fi
  4. Badhaasaa Gaaddisaa jedhaman 

maqaa “WBO’f nyaata kennitan” jedhuun reebicha hamaa erga irraan gahanii booda waajjira poolisii aanaa Calliyaatti geessanii hidhuun garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen eeranii jiru.

Oduuma walfakkaatuun, godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessaa Amajjii 13, 2025 gandoota Waldaa Maqdallaa fi Baqqalee Girrisaa irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Tafarii Boonsee,
  2. Lammii Abarraa,
  3. Simaa Miidhagsoo,
  4. Sambatuu Korjii,
  5. Roobaa Erbaa,
  6. Ifaa Tujii,
  7. Ayyaanoo Abudee daa’ima ganna 12 fi obboleessa isaa 
  8. Gammadaa Abudee kan jedhaman 

dabalatee namoonni danuun hidhamuun hiraarfamaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading