ONM-ABO Amajjii 17, 2025
Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Laga Xaafoo keessatti Amajjii 14, 2025 ogeessa fayyaa fi barreessaa og-barruu kan ta’e Yeeyyis Birruu Nagaroo kan jedhamu hojjetaa fayyaa qaxalee gara laafummaa fi abbaa firaa jedhamuun beekamu tikoonni murna maafiyaan PP bakka hojii isaatii ukkaamsuun achi buutee isaa dhabamsiisuun beekameera.
Ogeessi fayyaa Yeeyyis jedhamu kun nama tuqtuqaa siyaasaa kam irraa bilisa ta’e, ogummaa fi dandeettii qabuun of qusannaa tokko malee hawaasaaf halkanii fi guyyaa kan hojjetu ogummaa deessisuun hawwan kan gargaaruu fi hojjetaa buufata fayyaa Laga Xaafoo akka ta’e jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Hojii ogummaa fayyaatiin cinattis og-barruu Oromoo keessattis shoora isaa ba’achaa kan jiru kitaaba mata dureen isaa “Ilkee Arrabaa” jedhus hawaasaaf gumaachee akka ture itti dabaluun ibsaniiru.



