ONM-ABO Amajjii 18, 2025
Aanaa Saasiggaa bulchiinsa magaalaa Jimaataa keessaa Amajjii 15, 2025 ergamtoonni maafiyaan Abiy Ahimed walitti deebi’anii dhukaasa wal irratti raawwataniin miseensi milishaa PP Moosisaa Bultii jedhamu waahila isaa kan ta’e, milishaa Alamuu Hambisaa jedhamuun kan ajjeeffame ta’uu maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Moosisaan dhalataa aanaa Saasiggaa ganda Haroo Guddinaa ta’uu kan himan maddeen, innis mooraa waraana Bilxiginnaa keessatti sanyummaan qoodamee ilaalcha siyaasaan yakkamee moggeeffamaa kan ture hoggaa ta’u, badii isaa malee dubbii irratti barbaaduun erga lolanii booda dhukaasa wal irratti bananiin namni kun ajjeefamuu maddeen keessoo waraana Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Wayita Moosisaan ajjeefamettis hiriyaan isaa tokko gocha garee Bilxiginnaa kana jibbuun miliqee mooraa Bilxiginnaa keessaa badee jiraachuu maddeen itti dabaluun himaniiru.
Oduu hidhaaan ammooo aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaarii jedhamu keessaa Amajjii 12, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Zarihuun Qajeelaa,
- Daawwit Birraatuu,
- Abdii Galaanaa fi
- Yoonee Qajeelaa jedhaman
badii tokko malee ergamtoonni sirnichaa ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
