• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa qonnaan bultoota hidhuu fi leenjii waraanaattis guuruu hammeessan

Jan 18, 2025

ONM-ABO Amajjii 17, 2025 

Aanaa Daarimuu ganda Gungummii keessaa torban darbe keessa jiraattota maqaan isaanii:

  1. Adam Mahaammad,
  2. Wandimmuu Xilahuun,
  3. Nuuraa Obsaa,
  4. Kadir Oliiqaa,
  5. Buzunaa Yaadataa,
  6. Qaadiree Ahimad,
  7. Abaadir Maammoo fi 

kanneen biroo hedduu ta’an loltoonni sirnichaa badii seeraa tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni yeroo wal fakkaataa hidhaatti darbataman kunneen walumaa galatti baay’inni isaanii 25 kan ta’anii fi qonnaan bultoota ta’uu himuun, isaanis maqaa “misooma ba’uu diddan” jedhuun kan hidhaman ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kana malees, yeroo ammaa gandoota aanichaa cufa keessatti maqaa gaachana sirnaa leenjitu jedhuun, loltoonni Bilxiginnaa dhokatanii mana hawaasaatti marsanii buluun dirqamaan namoota gara mooraa leenjiitti guuraa kan jiran ta’uunis dabalataan eeramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading