ONM-ABO Amajjii 17, 2025
Murni Bilxiginnaa gama isaaf danda’ame maraan ciqilee isaa ilmaan Oromoo irratti jabeessuun bara aangoo isaa dheereffachuuf kan sursuru lafa qonnaan bultoota Oromoo humnaan afaan qawwee itti qabee saamuun, warra kaan immoo maqaa adda addaa itti maxxansee hidhaatti darbachuu hammeessee jira.
Aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Lalisaa Komis jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa kun Amajjii 14, 2025 nama maqaan isaa Obbo Malkaamuu Moosisaa jedhamu jalaa mana cabsuun qabeenya manicha keessa jiru hundaa fi qarshii hangi isaa hin beekamne saamanii deemanii jiru.
Obbo Malkaamuun nama siyaasa kam keessaayyuu hirmaannaa kan hin qabne ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Oduu biraatiin ammoo, godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Sirbaa Igguu jedhamu irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimed maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo” qabdu jedhuun namoota maqaan isaani Musaayyii Bantii, Naasir Sayidii fi Faaxumaa kanneen jedhaman badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun ukkaamsanii paatiroolii irra buusuun mana hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

