• Mon. Jan 12th, 2026

Haleellaan qilleensaa Israa’el erga waliigaltee dhukaasa dhaabuu labsitee booda geggeeffame lammiilee Gaazaa 77 ajjeese

Jan 18, 2025

ONM-ABO Amajjii 17, 2025 

Waraanni Israa’el erga waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’elii fi Hamaas gidduutti labsamee as haleellaa qilleensaa guutuu Gaazaa irratti raawwateen yoo xiqqaate lammiilee Falasxiinota 77 ajjeeseera.

Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Siivilii Gaazaa Mahmuud Basal ibsa kennaniin akka jedhanitti, miidhamtoonni dubartoota 25 fi daa’imman 21 kan hammatan yoo ta’u, Roobii halkan irraa eegalee namoonni 250 ol madaa’aniiru.

Dubbi himaan kun akka jedhanitti, namoota 66 haleellaa xiyyaaraan magaalaa Gaazaa, 4 giddu gala Gaazaa keessatti, 7 ammoo magaalaa kibba Kaan Yunis keessatti ajjeefamaniiru.

Maddi yaalaa tokko Kamisa ganama akka himanitti, haleellaan xiyyaaraa Israa’el addabaabayii mana jireenyaa Magaalaa Gaazaa irratti raawwateen lammiileen Falasxiin 20 du’uu fi namoonni hedduun madaa’uu isaanii ibsaniiru.

Haleellaa xiyyaaraan Israa’el magaalaa Gaazaa naannoo Rimal jedhamutti mana tokko irratti raawwateen lammiileen Falasxiinota dabalataa shan ajjeefamanii 10 ol madaa’uu isaanii Ittisi Siivilii beeksiseera.

Haleellaa sadaffaa magaalaa Gaazaa irratti raawwatameen, waraanni Israa’el mana jireenyaa naannoo Al-Daraj jedhamutti argamu rukutee lammiileen Falasxiin afur ajjeefamaniiru jedha maddi fayyaa.

Akkasumas Magaalaa Gaazaatti, Ittisa Siiviilii akka gabaasetti, haleellaa xiyyaaraa Israa’el mana tokko irratti raawwateen lammiileen Falasxiin sadii ajjeefamaniiru.

Lola duguuggaa sanyii Israa’el Gaazaa irratti geggeessiteen lammiileen Falasxiinota gara 46,800 ta’an, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman kan ajjeefaman yoo ta’u, namoonni 110,000 ol ammoo madaa’aniiru jedha qondaaltonni fayyaa naannoo sanaa jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading