• Fri. Mar 13th, 2026

Faashistoonni murna Bilxiginnaa Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti uummata jumlaan hidhaa jiraachuun dhagaa’ame

Jan 21, 2025

ONM-ABO Amajjii 18, 2025 

Bara dhufaa darbaan bulchitoota impaayerattiin mirga namummaa mulqamuun biyya isaa irratti dararaa akkaan ulfaataan duguugamaa kan jiru uummanni Oromoo ammas kan yeroo kamuu caalaatti murna Bilxiginnaa afaaniin Oromummaa leellisaa gochaan yakkoota gara jabinaa garaa garaa irratti raawwatuun sarbamiinsi mirga namoomaa irratti geggeeffamaa jira.

Arsii Bahaa aanaa Muneessaa keessatti tiksitoonni impaayerattii namoota baay’inni isaanii 500 ol ta’an balleessaa tokko malee jumlaan hidhuun rakkoo ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Akka maddeen himanitti dargaggoonni manneen hidhaa aanichaa irraa baafamuun ajjeefamaa, leenjii waraanaatti ergamaa fi dhabamsiifamaa jiraachuus dabaluun eeraniiru.

Ergama dabaa mataa nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimediin itti kennameen guutuu Oromiyaa keessatti saba Oromoo afaan qawween dararuun akka fedhan gochaa oolan ittuma fufuun diinummaa Oromoof qaban daran jabeessanii ilmaan haadha hiyyeessaa gidirsaa jiraachuu irra deddeebiin isiniif gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading