• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Kiiramuutti milishoonni sabaan Amaaraa ta’an murna Bilxiginnaan hidhachiifamuun uummata nagaa irratti saamicha raawwachuu itti fufan 

Jan 21, 2025

ONM-ABO Amajjii 19, 2025 

Murni Bilxiginnaa maqaa nageenya keessan ittiin eeggadhaa jedhuun finxaaleeyyii Amaaraa hidhachiisuun ilmaan Oromoo ajjeessisuu erga eegalee bubbuleera.

Godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu ganda Ashuu Kusaayee jedhamtu keessatti milishoonni Amaaraa Faannoon kan quba qabeenya murna garboomfataa Bilxiginnaan bobbaafaman Amajjii 17, 2025 qabeenyaa ummataa loon hedduu saamuun ibsameera. 

Namoonni loowwan jalaa saamame kunneen:

  1. Obbo Baqqalaa Baay’isaa loon 20
  2. Obbo Biraanuu Gudduu jalaa loon 40 fi
  3. Obbo Badhaasaa Fiqiruu jalaa ammoo loon 10 saamuun, 

ummata irratti dhukaasa bananii rakkoo ulfaataa keessa galchanii jiraachuun barameera.

Leave a Reply