ONM-ABO Amajjii 19, 2025
Aanaa Gindhiiritti saamichi haalaan jabaatee itti fufuun lammiileen qaala’iinsa jireenyaan wal’aansoo walqabaa jiran waraana murna Bilxiginnaa saamichaan of ijaaruuf ajaja koloneel Abiy Ahimed fudhatanii bobbaafamaniin hiraarfamaa jiraachuu dubbatu.
Haaluma kanaanis jiraattota onichaa gandoota baadiyyaa fi bulchiinsa magaalotaa irraa:
- Kaffaltii gibiraa qarshii 3000,
- Inshuraansii fayyaa 2000,
- Buusaa Gonofaa 500 fi
- Fannoo Diimaaf qarshii 200
dirqamaan afaan qawwee itti qabanii sodaachisuun saamaa kan jiran walumaa galatti nama tokko irraa qarshii 6,000 ol saamaa jiraachuun ibsameera.
Murni saamee, hidhee, ajjeesee fi sarbamiinsa mirgoota namoomaa raawwachaa bulchiinsa haqaa ijaaraa fi impaayera Itiyoophiyaa gara badhaadhinaatti geessaa jirra jedhee kijibu Bilxiginnaan haqa lammiilee nagaa haqaaqee egeree saba Oromoo dukkana keessaa ba’uun ulfaatu keessa galcheera jechuunis itti dabaluun jiraattonni ibsaniiru.

