• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Boojjii Coqorsaatti daa’imni ganna 15 loltoota faashistii Abiy Ahimediin ajjeefame

Jan 21, 2025

ONM-ABO Amajjii 19, 2025 

Impaayerri Itiyoophiyaa guyyuu dhiiga ol adeemtota Oromoo dhangalaasuun araada guddaa kan itti ta’e ajjeesee waakkachuu, hidhee hin hiine jechuun sagalee sabichaa ukkaamsee har’as cunqursee bulchuuf waraana kuma dhibbootaan Oromiyaatti bobbaasee ajjeechaa raawwachaa jira.

Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaa bulchiinsa magaalaa Giddaa Biqqir ganda Gabaa Dafinootti Amajjii 16, 2025 waraanni maafiyaan  PP daa’ima umurii 15 maqaan isaa Guutuu Buzaayyoo jedhamu  badii tokko malee rasaasa itti roobsuun gocha suukkanneessaan ajjeesan.

Murni Bilxiginnaa gocha abbootii isaa kaleessaa daran jabeessuun haadha hiyyeessaa  irratti mana gubee, ilmaan jalatti hidhuu fi ajjeesuun dachee Oromiyaa dhiigaan guyyuu booressee barcuma aangoo isaa jabeeffachuuf duguuggaa sanyii taasisaa jiraachuus jiraattonni miira gaddaan ONM’f yaada isaanii qoodaniiru.

Leave a Reply