• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Magaalaa Gimbii keessatti hidhattoonni faashistii PP dargaggoo tokko ajjeesuun dhagaa’ame

Jan 21, 2025

ONM-ABO Amajjii 19, 2025 

Humnoonni gara jabeeyyiin Bilxiginnaa bakkeewwan bobbaafaman cufatti ilmaan Oromoo saalaa fi umuriin osoo hin fo’in adamsanii ajjeesuu, hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufaniiru.

Godina Lixa Wallaggaa magaalaa Gimbii naannoo Baddeessaa Makkoo jedhamutti milishoonni murna PP dargaggoo maqaan isa Amaanu’el Abdiisaa jedhamu kan hojii konkolaachisuummaan hawaasa tajaajilu yakka tokko malee Amajjii 17, 2025 galgala sa’a 2:00’tti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun ibsameera.

Tibba kana akkuma miidiyaa hawaasaa gubbaatti mul’achaa jiru dargaggoonni Oromoo osoo maaloo nu hin ajjeesinaa jedhanii kadhatanii gara jabina waraana faashistii PP’n rasaasaan waadamanii ajjeefamuun cimee itti fufee jiraachuunis beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading