ONM-ABO Amajjii 18, 2025
Loltoonni faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromoo sobaan yakkuun dararaa hangana hin jedhamne geessisaa kan jiran, afaaniin akka waan hawaasa fayyadaniitti dubbatanis aangoo Abiy tursiisuuf miidhaa ulfaataa hawaasa nagaa irraan ga’aa jiru.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii irraa lukkeeleen Bilxiginnaa manneen hawaasaa irratti gubaatii raawwatanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Laaloo Assaabii ganda Hordaa Daalattii jedhamu keessatti Amajjii 3, 2025 Aadde Magartuu Ejjetaa kan jedhamtu maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun erga saamanii booda manaa fi meeshaalee mana sana keessatti hafan, kenneen geejjibuun ulfaate ammoo ibiddaan jalaa gubanii barbadeessuu maddeen ONM’tti himan.
Oduuma walfakkaatuun, godina Qellam Wallaggaa aanaa Gidaamii irraa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Gidaamii ganda Baataa Mukarbaa jedhamu irraa Amajjii 12, 2024 nama maqaan isaa Obbo Gizawuu Abdiisaa jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun loltoonni faashistiin Bilxiginnaa reebicha hamaa irraan gahuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.




