• Thu. Mar 12th, 2026

Murni Bilxiginnaa Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa keessatti daa’ima ganna lamaa hidhaatti dararaa jiraachuun dhagaa’ame

Jan 21, 2025

ONM-ABO Amajjii 18, 2025 

Oromummaa isaanii qofa hadheeffachuun ilmaan Oromoo guddaa fi xiqqaa osoo hin jenne sababa tokko malee hiraarsuu kan adeeffate Bilxiginnaan gocha diinummaa isaa hammeessuun goleewwan Oromiyaa cufa keessatti saamtota waraana isaa bobbaasuun jiruu fi jireenya Oromoota maraa barbadeessaa jira.

Amajjii 4, 2025 aanaa Sirkaa ganda Soolee Nageelleetti Kariimaa Kadir daa’ima ganna lamaa kan taate mana hidhaatti galchuun halkanii fi guyyaa boo’ichaan sammuu ishee hadoochuun miidhaa hamaa irraan ga’anii jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Saba irraa dhalataniif kabaja namummaa tokkollee kan hin qabne ergamtoonni faashistii PP dantaa isaanii qofa eeggachuuf jecha sarbamiinsa mirgaa lammiilee nagaa irratti hammeessaa kan jiran Oromiyaa guutuu keessatti hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi dararaa hamtuu dhala namaaf hin malle Oromoota irratti geggeessaa oolaniin jiruu fi jireenyi hawaasa keenyaa manca’ee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading