• Fri. Mar 13th, 2026

Naannoo Beenishaangul Gumuz Aanaa Toongootti hidhaa fi saamichi ilmaan Oromoo irratti ergamtoota sirnichaan raawwatu cimee itti fufe

Jan 21, 2025

ONM-ABO Amajjii 19, 2025 

Aanaa Toongoo ganda Taajaa Jallisii jedhamu keessaa Amajjii 12, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Muuzammil Fiixee,
  2. Bashir Haxaayir,
  3. Bashir Kadir,
  4. Kamaal Immiruu,
  5. Haxaayir Indaaluu, 
  6. Hambaa Alii,
  7. Tawakkal Immiruu,
  8. Sulxaan Adam,
  9. Hasan Aabboo fi
  10. Usmaan Mohaammad 

kanneen jedhaman maqaa leenjii milishummaa jedhuun ukkaamsuun hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aanicha keessatti dararaa fi saamichi loltoota Bilxiginnaan ilmaan Oromoo irra gahu ittuma fufuun, ganda 02 keessaa ammoo shamarran hojii guyyaa buna danfisanii gurguruun of jireessan dabalatee namoota maqaan isaanii Siraaj Jibiriilii fi Kaliifaa Jibiriil jedhaman namoota dukkaana qaban sababa Oromoo ta’an qofaaf torban torbaniin qarshii 500-500 kaffalaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeran.

Aanicha keessatti saboota kan biroo irraa addatti dararaan ilmaan Oromoo irratti haala duraan barameen olitti hammaatee itti fufee jiraachuunis ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading