ONM-ABO Amajjii 20, 2025
Amajjii 17, 2025 konkolaachisaan Doqdoqqee maqaan isaa Maarqos Maammoo Qajeelaa jedhamu Jiraattota aanaa Guutoo Giddaa ganda Fayisaa kan ta’an, namoota maqaan isaanii Taaddalee Adinoo Mangashaa fi Bongaasee Alamuu Warqinaa kanneen jedhaman fe’atee osoo inni magaalaa Naqamtee irraa gara ganda Fayisaa iddoo addaa Kamisee jedhamutti geessaa jiruu ergamtoonni Bilxiginnaa daandii gubbaatti eeggattanii sadan isaanii ukkaamsuun, hanga yeroo gabaasni kun qindaa’eetti achi buuteen faana isaanii kan hin baramne ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni achi buuteen isaanii dhabame kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, isaan keessaa Taaddalee fi Bongaaseen dukkaana dhuunfaa isaanii daldaluun ofiif maatii isaanii kan jireessanii fi wayita loltoota sirnichaan ukkaamfamanittis, meeshaalee daldalaa garaa garaa magaalaa Naqamtee irraa bitatanii galaa kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Hidhaa fi dararaan lammiilee nagaa irratti raawwatu jabaatee ittuma fufuun, aanaadhuma Guutoo Giddaa ganda Fayineerraa jedhamu irraa ammoo guyyaadhuma wal fakkaataatti Amajjii 17, 2025 maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun ergamtoonni sirnichaa naannoo mana hawaasaatti marsanii buluun, hawaasa ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan rakkoo hamtuu keessa jiru qarshii kaffalaa jechuun namuma manatti argan hunda fuudhanii deemuun hidhanii dararaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun gabaasan.
Jiraattota hidhaatti darbataman keessaa kanneen maqaan nu ga’e:
- Haadha warraa Addunyaa Baldhinaa,
- Haadha warraa Galataa Baldhinaa,
- Obbo Xurunaa Raggaasaa,
- Oljirraa Galataa,
- Haayiluu Abdiisaa,
- Ambassoo Waaqshum fi
kanneen biroo maqaan isaanii hin eeramnes hedduu ta’uun ibsameera.
