• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Matakkal Aanaa Bulan keessatti finxaaleeyyiin Amaaraa hawaasa Oromoo irratti saamichaa fi ajjeechaa raawwatan

Jan 22, 2025

ONM-ABO Amajjii 20, 2025 

Gara jabeeyyiin finxaaleeyyii Amaaraa ilmaan Oromoo bakka arganitti haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu, reebuu, saamuu, qe’ee fi qabeenyaa irraa godaansisuun kaanis achi Oromoo dhabamsiisuu itti fufanii  jiru.

Aanaa Bulan keessaa hidhattoonni Amaaraa Amajjii 12, 2025 baankii daldala itiyoohiyaa tokko saamuu hordofee qondaalli finxaaleeyyii Amaaraa naannoo sana socho’u nama maqaan isaa Yohaannis Alamaayyoo jedhamu “hawaasa Oromootu baankii cabsee saame” jechuun waan ifaa ifatti argamu sobuun hawaasa Oromoo maqaa balleessuu jiraattonni achii dubbisne ONM’tti himan.

Akka maddeen keenya aanichaa jedhanitti, akkuma dhukaasa jalqabaniin waardiyyaa mana baankichaa kan ammaaf maqaan isaa adda hin baane tokko battalatti ajjeesuun, qabeenya ilmaan Oromoo immoo hanga harkii fi humni isaanii danda’e waan fedhan saamanii deemuu dubbatu. 

Aanicha gandoota adda addaa irraa hidhattoonni Amaaraa hawaasa meesha maleessa hiraarsaa jiraachuu fi ergamtoonni Billxiginnaas dabaree itti wal jijjiiruun hidhaatii hanga ajjeechaatti gochaa suukkanneessaa raawwachuu itti fufanii jiraachuun dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading