• Thu. Mar 12th, 2026

Murni Bilxiginnaa Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaatti ajjeechaa fi mancaatii bosonaa jabeessuu ONM odeeffate 

Jan 22, 2025

ONM-ABO Amajjii 20, 2025 

Murni badee balleessaan impaayera Itiyoophiyaa of  harkaa qabu Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti namoota nagaa ajjeesuu fi bosona uumamaa abiddaan barbadeessaa jiraachuu jiraattonni naannichaa dubbataniiru. 

Amajjii 17, 2025 aanaa Sirkaa ganda Soolee Digaluu keessatti sababa WBO’n haleellaa irratti taasiseef uummata nagaatti haaloo ba’uun, namoota maqaan isaanii Abduljabbar Kadiroo fi Maammadnuur Waabee jedhaman  mana isaaniitii fuudhuun gaaffii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuun ibsameera.

Ittuma fufuun waraanni faashistii PP Amajjii 18, 2025 aanaadhuma Sirkaa ganda Soolee Zoolee Diigaluutti bosona guddaa Arsii Bahaa keessatti argamu ganamaan abiddi itti shiduun gubuun ibsameera.

Akka jiraattonni naannichaa jedhanitti yeroo irraa gara yerootti bosona kana ofuma isaaniitii abidda itti qabsiisuun barbadeessaa turan, maaliif gubata jennee yeroo nuti gaafannutti waan isin ilaallatu miti jechuun deebii kan nuuf deebisan yoo ta’u bineensonni bosonaa hedduun achi keessaa bahanii baqachuu fi iddoo seenan dhabuun guyyaan bahanii beelladoota nu harkaa nyaachaa jiru jechuun jiraattonni naannichaa dabalataan ONM’f yaada isaanii qoodaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading