ONM-ABO Amajjii 20, 2025
Adeemsi booji’amtoota Israa’el Gaazaa keessa jiran sadii gara Fannoo Diimaatti dabarsuu dilbata kaleessaa eegaluu isaa miidiyaaleen Israa’el beeksisaniiru.
Gareen Falasxiin Hamaas dilbata ganama waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi hidhamtoota jijjiirraa Gaazaa marsaa jalqabaa Israa’el waliin taasifameen booji’amtoota dubartoota sadii bilisa akka baase ibseera.
Akka gabaasaan tokko jedhutti, kutaan hidhate Hamaas, Birgeedii Qassam, booji’amtoota Israa’el sadan kana Koree Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) magaalaa Gaazaatti dabarsee kennuu isaa hime.
Tamsaasni ummataa Israa’el KAN fi Chaanaalii Israa’el 12s oduu kana mirkaneessaniiru.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa dilbata hojiirra oole, sababa himannaa Israa’el Hamaas booji’amtoota gadhiifamuuf jiran gadhiisuuf harkifateera jechuun sa’aatii muraasa booda ture.
Onkoloolessa 7, 2023 irraa eegalee waraana duguuggaa sanyii Israa’el Gaazaa irratti geggeessiteen namoonni gara 47,000 ta’an kan ajjeefaman yoo ta’u, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman yoo ta’u, namoonni 110,700 ol ammoo madaa’aniiru jedha qondaaltonni fayyaa naannoo sanaa.
Dabalataanis waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaatiin booji’amtootni Falasxiin 90 ta’an to’annaa Israa’el jala turan gadhiifamuu isaanii BBC’n gabaaseera.


