• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Muuneessaa keessatti murni Bilxiginnaa uummata nagaa hiraarsuu jabeessee itti fufe

Jan 24, 2025

ONM-ABO Amajjii 21, 2025 

Waraanni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa cufa keessa naanna’uun hawaasa nagaa irratti duguuggaa sanyii raawwachuu daran cimsuun godina Arsii Bahaa aanaa Muuneessaa gandoota hundaatti uummata nagaa jumlaan mana hidhaatti guuruun  yeroo itti oomisha galfachaa jiranitti danqaa jiraachuun ibsameera. 

Ganda Qomaa Oochaa jedhamu keessatti waraanni murna Bilxigginnaa hawaasa ooyiruu isaa irra jirutti dhukaasa banuun manneen hidhaatti darbanii hiraarsaa kan jiran oggaa ta’u; Obbo Abuu Gadaa maatii isaanii guutuu waliin hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Ganduma kana keessatti maatii qabsaa’otaa jedhamuun maanguddootni illee keessatti kan argaman hedduun mana hidhaatti guuramanii hiraarfamaa jiraachuu jiraattonni eeraniiru.

Lukkeeleen Bilxiginnaa humna waraanaa hawaasa keessa bobbaasuun dararaa raawwachiisaa jiran maqaan isaanii:

  1. Araddoo Lakkoo
  2. Ahimed Aabbuu
  3. Badhaasoo Burqaa fi
  4. Habiib Fajjoo kan jedhamaniidha.

Kana malees gandoota akka Heeban Laaqichaa, Gujichaa fi Heeban Dhubboo keessaa hawaasni humna waraana faashistii PP’n buqqifamaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading