ONM-ABO Amajjii 23, 2025
Lola waggaa 6 ol Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiruun miseensonni waraana faashistii Itiyoophiyaa kumootaan lakka’aman ajjeefamuu WBO’n gama miidiyaa hawwaasaa Tiwitera isaan ibsaa ture.
Lolli WBO fi Loltoota garboomfataa Itiyoophiyaa gidduutti adeemu kun ammallee itti fufee jiraachuu isaa Tiwitera (X-Space) gubbaa maxxansa katabeen ABO-WBO’n hubachiiseera. Lola adeemaa jiru kanaanis injifannoo argataa jiraachuu eere.
Waraanni murna Bilxiginnaa hedduun harka kennataa jirus jedhee jira. Loltootni harka kennataa jiran kunneen loltoota Raayyaa Ittisa Impaayerattii, poolisii Oromiyaa fi Milishaa ta’uus caqase.
Haalli kun Oromiyaa kutaalee hedduu keessatti adeemaa akka jirus ABO-WBO’n ragaa jiru waliin ibseera.
Bakkeewwan waraanni gabroomfataan PP WBO’tti harka kennataa jiraachuun eeraman keessaa Gujiin, Kaabni Shaggar, Wallaggi Bahaa fi Lixi Shaggar maqaa eeramaniiru. Lola WBO’n adeemsisaa jiru of irraa qolachuun itti ulfaachuun, dhiibbaan Waraana Bilisummaa Oromoon adeemsifamaa jiru cimaa ta’uu irraan kan ka’e harka kennachuuf akka dirqamanis maxxansa kanaan himameera.
Gama biraatiin Ajajni WBO Giddu-galeessaa dheengadda Sulultaa ganda Bachoo Habilaa keessatti duula waraanaa gaggeessee ture jechuunis maxxansa kanaan ABO-WBO’n eereera. Magaalaa guddoo impaayerattii cinatti tarkaanfiin WBO’n fudhate kun sirnicha naasisuus himeera.


