• Fri. Mar 13th, 2026

Baha Shaggar Aanaa Liiban Cuqqaalaa keessatti maqaa leenjii milishaan hidhaan murna Bilxiginnaan jiraattota irratti hammaate

Jan 25, 2025

ONM-ABO Amajjii 23, 2025 

Hidhuu malee hiikuu, ajjeesuu malee du’a irraa baraaruu, saamuu malee gargaaruu, kan hin beekne murni badee balleessaan Bilxiginnaa gocha badii isaa uummata irratti jabeessuun aduu dhihee bari’uun balleessaa tokko malee Oromummaa isaa qofaan hadheeffachuun ilmaan Oromoo dhiiga boochisaa oola.

Amajjii 18, 2025 aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Dagalaa Galaa Jiddaa jedhamu keessatti gara jabeeyyiin sirnichaa maqaa leenjii milishummaa jedhuun uummata jiruu isaa irraa afaan qawween ukkaamsuun jumlaan walitti guuranii teessoo bulchiinsa impaayerattii ittiin tiksuuf gidirsaa jiraachuun baramee jira.

Namoota ukkaamfamuun rakkachaa jiran keessaa muraasni kan maqaa arganne, Malkaa Hawwaash, Jabbaruu Allibbachoo, Tufaa Fayyisaa, Gammadaa Ararsoo, Taadduu Jamboo, Badhassaa Lataa, Shuree Tokoluu fi kannee biroo hedduu ta’an iddoo addaa Buufata Gooroo jedhamutti dararaa jiraachuu maddeen keenya gamasii nuuf eeran.

Haaluma wal fakkaatuun onichuma ganda Agamsa Rogichaatti Amajjii 18, 2025 maqaa gibiraan uummata saamaa kan turan yammuu ta’u namoota waan kaffalan dhaban kanneen maqaan isaanii: 

  1. Abarraa Shaanqoo, 
  2. Kunuu Shaanqoo, 
  3. Sagguu Hawwaash, 
  4. Girmaa Nagoo fi 
  5. Boonsaa Bayyanaa 

jedhaman hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen dabaluun ONM’f eeran.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading