ONM-ABO Amajjii 22, 2025
Impaayerri Itiyoophiyaa uummata Oromoo erga waanjoo garbummaa jalatti bulchuu eegaltee kaastee hidhattoota namuusa waraanummaa hin qabne qawwee itti hidhuudhaan gaaffii seeraa, ulaagaalee seerota yakkaa tokkoo fi ajaja mana murtii malee ilma namaa hiraarsuu adeeffataniiru.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Talaamsoo Dambii keessatti Amajjii 20, 2025 maqaa hariiroo WBO qabdu jedhuun namoota maqaan isaanii Basha’aa Namarraa fi Asaffaa Taaddasaa jedhaman mana daldalaa isaanii cabsuun maallaqa callaa dabalatee meeshaalee mana keessaa saamanii deemuun ibsameera.
Oromoon erga Ijaarsi impaayerattii hundee irraa gadi dhaabbatee kaasee boqonnaa tokko malee akka feetee waraana mootolii dhufaa darbaan dhaanamaa har’a kan ga’e, bara bulchiinsa sirna Bilxiginnaatti ammoo daran jabaachuun namnuu Oromoo ta’ee dhalachuu qofaaf yakkamee saamamaa, ajjeefamaa, manneen isaa irratti gubachaa fi hidhamaa hanga har’aatti aarsaa guddaa kaffaluun cimee itti fufee jiraachuus jiraattonni dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.


