• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti WBO loluu diddan maqaa jedhuun jiraattonni reebamuu fi miidhaa qaamaa cimaaf saaxilamuu ONM odeeffate

Jan 25, 2025

ONM-ABO Amajjii 22, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattootni sirnichaa Amajjii 20, 2025 namoota gabaa magaalichaa ba’an itti marsanii qabuun reebicha ulfaataa irraan ga’anii qawwee keessan mana jiru fiddanii nu waliin taatanii WBO loltu ittiin jechuu fi namoota qawwee hin qabnu jedhaniin ammoo ukkaamsanii hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiru. 

Namoota Amajjii 20, 2025 loltoota Bilxiginnaan reebamuun ukkaamfaman keessaa muraasni maqaa arganne jiraattota: 

Ganda Qurquraa kan ta’an namoota maqaan isaanii: 

  1. Umar Mootii Aliishaa,
  2. Umar Yaman Usmaan,
  3. Adam Alikkoo Usmaan, 
  4. Hasan Usmaan Yaman fi 

Ganda Murrii irraa ammoo: 

  1. Hasan Ammeessoo dabalatee 

namoota hedduu buufata waraanaa isaanii mana barumsaa magaalaa Furseetti hidhanii gidiraa hamtuu agarsiisaa jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni reebamuun hidhaatti darbataman kunneen qonnaan bultootaa fi abbootii warraa ta’uu himuun, ergamtootni sirnichaa ammoo qawwee keessan mana keessanii dhuftan fidaa? nu waliin taatanii WBO ittiin loltu yeroo ittiin jedhan, namoonni  kunneen “nuti qawwee hin qabnu” jedhanii yoo deebisan yoo qawwee hin fiddan ta’e lubbuu keessanuu dhabuuf jirtu ittiin jechuun ukkaamsanii hidhaatti galchuun uleedhaan tumanii dararaa akka turan dabaluun dubbataniiru. 

Leave a Reply