• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa magaalaa Sanbateetti caasaaleen Bilxiginnaa ibsaa galgala magaalaa keessatti ifaa buluuf jechuun qarshii humnaa olii jiraattota harkaa saamuu jabeessanii itti fufan 

Jan 25, 2025

ONM-ABO Amajjii 23, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa magaalaa Sanbatee keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa Amajjii 17, 2025 irraa eegaluun maqaa ibsaa halkan halkan magaalaa keessatti ifaa buluuf jedhuun balbala namootaa irra deemanii afaan qawwee itti qabuun tokko tokkoon namootaa irraa qarshii 3000 fudhachaa akka jiran jiraattotni magaalaa Sanbatee ONM’tti himan.

Jiraattotni dabaluun akka jedhanitti, ergamtootni murna Bilxiginnaa kun kanaan duras baatiidhuma Amajjii kana keessa namoota dukkaana qabanii fi mana jireenyaa magaalicha keessaa qaban maqaa gibira jedhuun qarshii 2000-3000 harkaa saamanii turuu dubbachuun, yeroo ammaas osoo baatii tokko illee hin guutin akka saamichaaf isaaniif mijaa’utti gosa kaffaltii maqaa jijjiiruun afaan qawwee nutti qabanii nu harkaa fudhachaa jiru jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himatan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading