ONM-ABO Amajjii 23, 2025
Caasaan Bilxiginnaa abdii kutannaa irraa kan ka’ee baatii kana keessa Oromiyaa bakka garaa garaatti gocha sukkanneessa kanneen akkaa ajjeechaa akka malee, hidhaa, saamichaa ilmaan Oromoo irratti raawwachuutu ibsameera.
Akkuma kanan Kaaba Shaggar aanaa Yaayyaa Guullalleetti abbootiin seeraa lama reebicha ulfaatan gahu gabaasi Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dhaqqabe.
Bifuma wal fakkaatuun abbootiin seeraa maqaan isaanii Qanannisaa Kababboo fi Jennennus Nagaasaa jedhaman reebichi haamaan irra kan gahe ta’us maaliif akka reebaman wanti ifoome akka hin jirre ibsameera.
Akka gabaasi nu dhaqqabe jedhutti abbootii seeraa qabattoo ittii baasuun lafatti dhidhiituun reebicha ilma namaaf hin malle irraan gahuu ifoome. Kanuma sababeffachuun abbootiin seera laman aanicha keessa hojii lakkisuun barameera.
Murni Bilxiginnaa miidiyaalee yeroo dubbatu garuu bilisumma abbootii seeraa akka eeguu fi mirga namoomaa qaama kamiif iyyuu akka eegu dubbatus faallaa isaa dalagaa jiraachuun ni mul’ata.

