ONM-ABO Amajjii 22, 2025
Murni Faashiistii PP ilmaan Oromoo dirqamaan bakka hojiitii, mana barnootaa fi bakka bashannanaa garaa garaa irraa qabuun mooraa leenjii waraanaa galchuun leenjii yeroo gabaabaa kenneefii eegduu sirnichaa taassisuun gocha gara jabummaa daangaa darbe maatii fi saba irraa dhalatan irratti dalagsiisaa jiraachuun beekamaadha.
Gochaa fokkisaa maatii fi saba isaanii irratti tasiifamaa jiru kana balaleeffachuun ilmaan Oromoo sabboonumma qaban miseensonni waraana Impaayerattii yeroo adda addaatti mooraa diinaa onsuun Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromootti harka kennachuun qabsoo saba isaanii ittichaa jiraachuun ni yaadatama.
Akkaataadhuma kanaan Amajjii 21, 2025 godina Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abooteetti eegduun sirna Impaayera dulloomtuu tokko kan Komandoo jechuun of waamu qawwee AKM Turkii tokko, rasaasa AKM 146 fi boombii F1 afur waliin Amajjii 21, 2025 sirnicha ganuun WBO’tti dabalameera.
Itti dabaluun, miseensotni Waraana Impaayerattii Humna Galaanaa ofiin jedhan baay’inni isaanii 20 kan ta’an leenjii waraanaa ol-aanaaf gara biyya Faransaay deemanii kan turan dhiibbaa aangaa’onni siyaasaa fi Jeneraalonni waraanaa raawwachaa jiran dandamachuu dadhabuun ajjeechaa, saamichaa fi hidhaa biyya isaaniitti raawwataa jiru mormuun kolu galtummaa gaafachuun waraana sirnichaa gananiiru.
Akkasumas lola hanga ammaatti biyya keessatti godhamaa jiru kanaan maatii fi firoottan isaanii dabalatee, hooggantoota siyaasaa fi Jeneraalota lola kana irratti hirmaachaa jiran miidhaan tokko akka irra hin geenye ibsuun kan miidhamaa jiruu fi lubbuu dhabaa jiru uummata akkasumas miseensota waraana sadarkaa gad aanaa irra jiraniidha jechuun sababa koolugaltummaa gaafataniif ibsaniiru. Koloneelli waraanaa tokkos yeroo dhiyoo dura biyya Jarmaniitti koolugaltummaa gaafachuun isaa ni yaadatama.
Miseensonni Eegduu Impaayerattii hedduun bakkuma jiranitti harka kennatanii fi koolugaltummaa gaafatan kunneen warreen achi keessatti hafaniif fedhii namoota siyaasaa guutuuf lubbuu keessaniif qaama keessan hin dhabinaatii, adeemsi hooggantoota muraasaa kun sirrii akka hin taane hubadhaa mooraa sana keessaa ba’aa jechuun dhaamsa dhaamaniruuf.

