• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Shanan Kooluu keessatti murni Bilxiginnaa bosona uumamaa abiddaan barbadeessaa jira

Jan 26, 2025

ONM-ABO Amajjii 24, 2025 

Murni abbaa irree Itiyoophiyaa bulchaan jira ofiin jedhu kun kutaalee Oromiyaa cufa keessatti sababa WBO’n tarkaanfii fudhachuu hammeesseef injifachuu dadhabuun, uummata kanatu golgaa ta’aafi isa balleessuu qabna jechuun yeroo dheeraaf gocha gara jabeenyaa hawaasa irratti raawwachaa kan ture sanaanis WBO balleessuu dadhabnaan yeroo ammaa kanatti immoo bosona keessa taa’anii nu lolu jechuun bosona gubaa jiraachuun barame.

Godina Arsii Bahaa aanota  garaa garaa keessatti bosona uumamaatti abidda kaa’uun harka isaaniitiin gubaa kan turan lukkeeleen Bilxiginnaa Amajjii 20, 2025 irraa kaasee hanga Amajjii 23, 2025’tti aanaa Shanan Kooluu ganda Sombaa iddoo addaa Gaara Baambaa jedhamutti waraanni Bilxiginnaa ofii isaaniitii bira dhaabbatanii akka uummmatni birmatee ibidda sana hin dhaamsine irraa dhorkuun abidda mana ummataatii fuudhanii bosona kanatti qabsiisanii gubaa turan jedhu jiraattonni naannichaa.

Guyyaa duraa Amajjii 20, 2025 yeroo bosonni kun gubachuu eegalutti bosonni kun tasa qabatee seenee yeroon nuti birmannaa dhaqnu cina dhaabbatanii qawwee nu irratti dhukaasuu fi maal barbaacha dhuftan bosona kana WBO’tu keessa gala,  isaan ofirraa dhowwuuf bosonni kun manca’uu qaba jedhanii ejjennaadhaan nu dura dhaabbatanii nu ari’an jechuun jiraattonni naannichaa yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading