• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti loltoonni Abiy Ahimed manneen jiraattotaa ibiddaan gubuu fi saamichas raawwachuu cimsanii itti fufan

Jan 26, 2025

ONM-ABO Amajjii 25, 2025 

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Eebbaa iddoo addaa Shokoree jedhamu irraa Amajjii 23, 2025 namoota maqaan isaanii; Sambatoo Baayisaa fi Efreem Baayisaa jedhaman ergamtoonni Bilxiginnaa badii tokko malee manneen jireenyaa 3 qabeenya keessa jiru hunda waliin ibidda itti shidanii jalaa barbadeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Oduu saamichaan ammoo, yeroo mana isaanii gubanii  raawwatan Sambatoo jalaa harree 1 fi qotiyyoo 1 ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun gabaasan.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen obboleeyyan ilmaan abbaa tokkoo ta’uu himuun, isaanis siyaasa kam keessa kan hin jirree fi sababa sobaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun qe’ee fi qabeenyi isaanii ergamtoota sirnichaan jalaa barbadaa’ee jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading