• Fri. Jan 9th, 2026

Gubaatiin manneenii, saamichi fi hidhaan ergamtoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu Kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuu keessatti jabaatee itti fufe

Jan 26, 2025

ONM-ABO Amajjii 25, 2025 

Aanaa Kuyyuu ganda Darroo Xaaxessaa jedhamu keessaa Amajjii 23, 2025 nama Tafarii Simee jedhamu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee mana jireenyaa isaa qabeenya hunda waliin ibidda itti qabsiisuun jalaa gubanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, ganduma kana keessaa guyyaadhuma kana Maritoo Bojaa nama jedhamu jalaa midhaan nyaataa ardaba 6 yoo fee’atan, Lammii Nagawoo jalaa ammoo loon 3 saamuun, haadha warraa isaa Dibaabee Gindoo jedhamtu ammoo sababa tokko malee hidhanii jiraachuu maddeen itti dabaluun himan.

Jiraattonni yakkoonni kun irratti raawwate kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirree fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf ta’uunis barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading