ONM-ABO Amajjii 25, 2025
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Jimaata kaleessaa waraanni Israa’el sakatta’iinsa torban kana Weest Baankii irratti raawwate irratti humna fayyadamuu isaa irratti yaaddoo guddaa qabaachuu isaa ibsuun, kunis malawwan “lola waraanaaf qophaa’an” dabalateeti.
Waraanni Israa’el torban kana naannoo Jenin, bakka hidhattoonni Falasxiin itti baay’atan, lola Hamas waliin Gaazaa keessatti geggeesse dhukaasa dhaabuu guyyoota muraasa booda haleellaa jalqabe.
Dubbi himaan waajjira mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Thameen Al-Keetan ibsa miidiyaaleef Jenevaatti kennaniin, “Jeeniin, West Baankii dhuunfatame keessatti humni ajjeesaa seeraan alaa fayyadamuun baay’ee nu yaaddessa,” jedhan.
”Hokkora Weest Baankii keessatti uumame hatattamaan akka dhaabbatu gaafanna. Akkasumas, Biyyoonni dhiibbaa qaban fi qaamotni hundi naannichatti nagaan akka argamuuf waan humna isaanii hunda akka godhan waamicha goona” jechuun AFP’n gabaaseera.


