ONM-ABO Amajjii 25, 2025
Murni Bilxiginnaa uummata siyaasaan bulchuu dadhabee kutaalee Oromiyaa cufa keessatti namoota nagaa adamsee ajjeesuu, diinagdeedhaan dadhabsiisuu fi mana hidhaatti guuruu filannoo godhachuun, godina Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti maqaa garaa garaa itti moggaasuun hawaasa jumlaan mana hidhaatti guuraa jiraachuun dhagaa’ame.
Amajjii 22, 2025 aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Ushiitti jedhamu keessatti maqaa firaa fi ijoollee WBO keessaa qabdu jedhuun jiraattota saamaa, reebaa fi hidhaa akka turan ibsaniiru.
Namoonni bifa kanaan hidhamanii jiran maqaan isaanii:
1. Gammachuu Ushaa
2. Armaan Kadiir
3. Huseen Dammiyoo
4. Aaboo Jaddoo
5. Hassoo Kadir
6. Hassan Hajii Gabbaa
7. Dhaqqaboo Namoo
8. Sadaam Miidhaaksaa
9. Ijaaroo kadir
10. Abdulshukur Shartee
11. Kaaboo Qaasoo
12. Gannaa Haajii
13. Zeeynaba Qaabatoo
14. Shubbee Kusii
15. Mushee Umar
16. Habiib Aliyyii
17. Gabii Eda’o
18. Mohammad Takkaa
19. Mahammush Abbaatti
20. Kaliiloo Jamaal
21. Doofittii Daalee
22. Aayyuub Adam fi
23. Abdullaazis Wayyeessoo kan jedhaman ta’uun beekameera.


