• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti Kaabineen Bilxiginnaa ogeessa fayyaa tokko hojii idilee irraa ari’uun haadha warraa isaas jalaa hoggaa fuudhu, ogeessi fayyaa kunis sababuma kanaan maraachuun dhagaa’ame

Jan 27, 2025

ONM-ABO Amajjii 25,2025 Ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo addaa addaatti faayidaa dhuunfaa karaa dalgaa argatan adda qooddannaa irratti hoggaa wal dhaban, wal saaxiluun tarkaanfiiwwan garaa garaa wal irratti fudhachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Dhalataa naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Toongoo ganda Areerii Warra Isoo kan ta’ee fi Hospitaala magaalaa Begii ganda O1 keessa kutaa qorichaa irra kan hojjetu, nama maqaan isaa Dooktar Saadiq Yohaannis jedhamu Kaabineen Bilxiginnaa namni maqaan isaa Gamulaa Guutaa jedhamu badii tokko malee ji’ootaan dura hojii irraa ari’ee, haadha warraa isaas jalaa fuudhee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Sababuma kanaan, ogeessi fayyaa kun maraatee sammuu dhabee qullaa isaa magaalaa keessa deemuu erga eegalee baatii 2 ol lakkoofsisee jiraachuus maddeen itti dabaluun himan.

Akka maddeen himanitti, ogeessi fayyaa kun ogummaa isaan hawaasa tajaajiluun alatti siyaasa kam illee kan hin hordofne ta’uu himuun, isa irrattis Kaabinee Bilxiginnaa kanaan gochi dabaan safuu hawaasichaa cabsee fi cigaasisaan kun sababa maaliin akka raawwates hanga yoonaatti kan hin baramne ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Leave a Reply