ONM-ABO Amajjii 26, 2025
Murni abbaa irree Bilxiginnaa waraana isaa Oromiyaa keessa bobbassuun daa’imman, dargaggessaa fi maanguddoo jedhee osoo gargar hin baasin Oromummaa isaanii qofaan yakkuun ajjeechaa suukkanneessaa kan durii caalaatti raawwachaa jira.
Godina Qellam Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa ganda Arroojji Walbaataa jedhamu keessatti waraanni goolessituun Bilxigginnaa Amajjii 24, 2025 ganama mana jireenyaa isaaniitii maanguddoo umriin isaanii 65 abbaa ijoollee 6 kan ta’an, maqaan isaa Obbo Dangalaa Galataa jedhamu qabanii naannoo sa’a 7:00’tti ajjeesuun gatanii deeman.
Akka jiraattonni naannichaa jedhanitti maanguddoon kun hawaasa Oromoo biratti kabajamaa fi jaallatamaa akkasumas tuttuqaa siyaasaa kam keessaa kan hin qabne ta’uu fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf ajjeefamuu gabaasan.


