• Thu. Jan 1st, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa manneen jiraattotaa diigaa jiraachuun himame

Jan 28, 2025

ONM-ABO Amajjii 27, 2025 

Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu keessatti maqaa ijaarsa “Kooriidarii” jedhuun wayita ammaa ergamtoonni faashistii PP uummata Oromoo mankaraarsuuf bobbaafaman manneenii fi qabeenya hawaasaa beenyaa tokko malee dirqamaan diiganii jalaa mancaasaa jiraachuu jiraattonni magaalaa Mattuu irraa dubbisne tokko tokko miira aarii fi mufannaatiin Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Sababa diigumsa seeraan alaa kanaanis hawaasni manneen daldalaa qabanii fi dinagdeen isaanii daldala qofa irratti bu’uureeffamuun jiraatanis yeroo ammaa waan hojjetanii ittiin of jireessan dhabuun, jiruu gadadoo hamtuu keessatti kufanii rakkachaa kan jiran ta’uu jiraattonni eeranii jiru.

Murni Bilxiginnaa qaroomina itti fakkaachuun yeroo dhihoo as maqaa ijaarsa Kooriidarii jedhu qabatanii gadi ba’uun, lammiilee impaayerattii hiraarsaa jiraachuun cinatti, dinagdee impaayerattii illee qilee buusuun diigumsi seeraan alaa bakkeewwan hedduutti eegalamanii qabeenyi hawaasaas erga manca’ee booda hanqina baajetaa mudateen ijaarsi isaas osoo hin eegalin adda citaa kan jiru ta’uun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading