• Sat. Jan 10th, 2026

Hidhattoota murna Bilxiginnaan Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti hawwan daa’imman waliin hidhaatti guuruun cimee itti fufe 

Jan 28, 2025

ONM-ABO Amajjii 28, 2025 

Aanaa Harxummaa Fursee ganda Raasaa Doddotii irraa loltoonni sirnichaa Amajjjii 23, 2025 haadha ilmaan lamaa Kaddoo Dheeressee kan jedhamtu magaalaa Fursee irraa qabanii ilmaan ishee waliin yoo hidhan, Amajjii 24, 2025 ammoo obboleettii Kaddoo kan taate haadha ilmaan lamaa Amoo Dheeressee jedhamtus ilmaan ishee lamaan waliin qabanii magaalaa Fursee mooraa waraana faashistii PP’tti hidhanii jiru.

Hidhattootni sirnichaa hawwan Oromoo hidhaatti guuruu ittuma fufuun, Amajjii 25, 2025 haadha ilmaan 4 kan taate jiraattuu ganda Abbayyoo Aadde Loomee Umaraa kan jedhamtu osoo isheen midhaan daakkachuuf baabura midhaanii deemaa jirtuu qabuun ati deggartuu WBO’ti si qoranna, jedhanii ukkaamsanii buufata waraanaa isaanii mana barumsaa magaalaa Furseetti haadholii hedduu waliin hidhanii dararaa jiraachuu jiraattotni ONM’tti himan.

Akkuma aanichaatti ergamtoota maafiyaa PP’n gochoonni suukkaneessoon hawaasa nagaa irratti raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, abbootii warraa maqaa WBO loluu diddan jedhuun yoo hidhan, hawwaniin ammoo maqaa “isin qoranna” jedhuun halkanis dirqiin balbala bansiisanii osoo daa’imman iyyanii haadha fuudhanii deemuu fi daa’imman haadha jalaa hafuu didan ammoo waliin hidhanii dararaa jiraachuu jiraattotni dabaluun dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading