• Fri. Mar 13th, 2026

Miseensi waraana impaayerattii “farra Riphee Lolaa” ta’e tokko Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Aayiraa bulchiinsa magaalaa Boondawoo irraa qawwee fi hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennate

Jan 28, 2025

ONM-ABO Amajjii 27, 2025 

Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromoo sobaan yakkuun dararaa hangana hin jedhamne raawwachaa kan jiran yoo ta’u, ilmaan hiyyeessaa goyyomsaa fi dirqiin ukkaamsuun dirree leenjiitti guuruun lola isaan hin ilaallannetti bobbaasanis, miseensonni waraana isaa hojiin PP nuuf hin ta’u jechuun keessaa badaa jiru.

Amajjii 25, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Aayiraa bulchiinsa magaalaa Boondawoo keessaa waardiyyaan impaayera dullomtuu Itiyoophiyaa tokko kan farra Riphee Lolaa ta’e qawwee AKM 1, rasaasa AKM 90 fi gumbii 3 qabatee sirnicha ganuun gara WBO’tti  dabalameera.

Simannaa WBO’n godheefitti guddoo gammaduun kanneen mooricha keessatti hafanii diinaaf qawwee batanii saba isaanii ajjeesaa jiraniin qawwee fi hidhannoo keessan qabattanii yeroon itti gaachana sabaa fi abdii uummata Oromoo kan ta’e WBO waliin loltan amma waan ta’eef mooraa cubbuu Bilxiginnaa keessaa ba’aatii sabaaf dhaabbadhaa jechuunis dhaamsa isaa dabarseeraaf.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading