ONM-ABO Amajjii 26, 2025
Loltoonni biyyoota Afrikaa lama irraa ergama nagaa eegsisuu baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti argaman keessaa 6 finciltoota waliin walitti bu’iinsa adda addaa uumameen ajjeefamuu qondaaltonni Sanbata kaleessaa ibsaniiru.
Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Maalaawii (MDF) Meejar Amaanu’eel Milelembaan akka jedhanitti, loltoonni Maalaawii sadii Jimaata darbe yeroo finciltoonni duulaa turanitti du’aniiru.
Loltoota kana gara biyyaatti deebisuu fi “awwaalcha malu” isaaniif kennuudhaaf qophiin taasifamaa jira jechuun Milelembaan Lilongiwe keessatti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin himaniiru.
Addatti, Gamtaan Ittisa Biyyaa Afrikaa Kibbaa (Sandu) Sanbata kaleessaa miseensonni isaa sadii finciltoota M23 waliin walitti bu’iinsa uumameen ajjeefamuu fi 14 madaa’uu mirkaneesse.
Loltoonni Afrikaa Kibbaa kun kan ajjeefaman Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Angiye Motshekga Koongoo daawwachaa osoo jiranii.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Afrikaa Kibbaa hanga ammaatti ibsa ofiisaa hin kennine. Dubbi himaan kun yeroo quunnamtu yeroo dhiyootti ibsi bal’aan akka gadhiifamu dubbataniiru.
Loltoonni Afrikaa Kibbaa 2,900 ta’an qaama Ergama Hawaasa Misooma Afrikaa Kibbaa Koongoo (SAMIDRC) yoo ta’an, mootummaan Koongoo finciltoota M23 loluuf tattaaffii godhu fi naannoo bahaa jeequmsa keessa jirutti tasgabbii fiduuf taasisu deeggara.
Gareen finciltootaa M23 Ruwaandaan deeggarama jedhame baha Koongoo keessatti haleellaa isaa cimsee magaalota ijoo qabachuun gara magaalaa guddoo bulchiinsa Kaaba Kiivuu Goomaatti tarkaanfachaa jira.
Pireezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen finciltoota kana hin deeggarru jechuun irra deddeebiin haale jechuun Arabs news gabaaseera.



