• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Najjoo keessaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun hidhaa fi ajjeechaan dargaggoota irratti raawwatame

Jan 29, 2025

ONM-ABO Amajjii 28, 2025 

Dhiiraa fi dubartii, fayyaa fi dhukkubsataa, beekaa fi wallaalaa, guddaa fi xiqqaa osoo hin jenne mootummaa garboomfataan impaayerattii loltoota isaa ilmaan Oromootti bobbaasuun, dararaa hamaa geggeessaa jiraachuun ni beekama.

Aanaa Najjoo ganda Somboo Dooraa jedhamu keessaa loltoonni impaayerattii dargaggoo umurii 26 maqaan isaa Hiikaa Qananii Tarreessaa jedhamu Amajjii 27, 2025 mana jireenyaa maatii isaatii ukkaamsanii qabuudhaan gara lagaa geessanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru. 

Dargaggoon kun hirmaannaa siyaasaa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne yoo ta’u, gara jabeeyyiin loltoota sirnichaa dargaggoo kana osoo hin ajjeesin duratti haala suukkaneessaa ta’een quba harka isaa gajaraan irraa kukkutuun eeramee jira. 

Kana malees, ganduma kana irraa loltoonni PP kunneen shamarree umurii 17 maqaan ishee Firii Hayiluu Ayyaanaa jedhamtu barattuu kutaa 6’ffaa kan taate, Amajjii 24, 2025 badii tokko malee sababa Oromummaa ishee qofaaf “deggertuu Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun yakkanii hidhaatti darbachuun garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading