ONM-ABO Amajjii 29, 2025
Tiksitoonni impaayera Itiyoophiyaa qawwee of harkaa qabanitti fayyadamuum, haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo hiraarsuu fi boochisuu itti fufuun, aanaa Muuneessaa ganda Daamuu Dhimbiibbaa jedhamu keessaa maqaa gargaarsa raayyaa ittisa Impaayerattiin wayita ammaa abbaa warraa tokko irraa qarshii 1200, xaafii kg 25 fi qamadii kg 50 dirqamaan afaan qawwee itti qabanii guuraa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, gandicha keessatti saamichi bifa garaa garaan itti fufuun, dubartoota gara gabaa deeman wal ga’ii hin baatan jechuun konkolaataa keessaa buusanii qarshii 200 dirqamaan irraa fudhachaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun himaniiru.
Aanaadhuma Muneessaa gandoota akka Heeban Laaqichaa, Heeban Dhubboo, Gujichaa fi kanneen birootti waraanni faashistii PP uummata qabanii leenjii milishummaa fi waltajjiin dararaa waan jiraniif jiraattotni oomisha galfachuu danqamanii jiraachuun ibsameera.

