• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti waraanni faashistii PP lammiilee nagaa ajjeesuu fi madeessuu cimsanii itti fufan

Jan 30, 2025

ONM-ABO Amajjii 30, 2025 

Bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 07 keessaa Amajjii 24, 2025 ergamtoonni sirna nama nyaataa PP maqaa “ilma keetu miseensa WBO’ti” jedhuun nama maqaan isaa Guutamaa Tolasaa jedhamu balbala mana isaa duratti rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii deemuu jiraattonni naannichaa ONM’tti himaniiru.

Faashistoonni sirnichaa kunneen lammiilee nagaa rasaasaan waaduu itti fufuun, ganduma kana keessaa Amajjii 25, 2025 Aadde Seenaa Bantii kan jedhamtu milishaan sirnichaa tokko badii tokko malee gabaa keessatti rasaasa 2 itti dhukaasee madoo ulfaataa taasisuun rasaasni somba ishee keessatti hafee, yeroo ammaa kana Hospitaala magaalaa Naqamtee keessatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti, Aadde Seenaan harka qalleettii fi haadha daa’ima tokkoo ta’uu himuun, isheenis Cilee daldaluun daa’ima ishee kan guddifattu yommuu taatu, milishaan PP kunis qarshii naaf kenni jedhee gaafatee hoggaa irraa dhabu gabaa walakkaatti naasuu tokko malee rasaasaan waadee wayita hawaasni fincila itti kaasu, isaan irrattis dhukaasa banuun fiigichaan harkaa ba’ee jiraachuu ONM’f eeranii jiru.

Magaalaa Naqamtee keessatti milishoonni kunneen duula duguuggaa sanyii lammiilee nagaa irratti raawwatan hammeessuun, torban lamaan darbe keessa ganda 05 keessaa ammoo Nuuraddiin nama jedhamu milishaan Balaachoo jedhamu badii tokko malee mana isaa keessaa gadi baasee rasaasa itti roobsuun ajjeesee deemuun eeramee jira.

Nuuraddiin nama siyaasa kam keessa hin jirree fi  hojii dhuunfaa isaa gandichuma naannoo Masjiidaatti dukkaana kan daldalu yemmuu ta’u, milishaan Balaachoo jedhamu kunis armaan dura afaan qawwee itti qabee doorsisuun saamicha irratti raawwachaa ture amaleeffachuun, hiriyyaa isaa fudhatee dhaqee hoggaa sigaaraa nuuf kenni jedhee gaafatu; Nuuraddiinis, liqii ani kanaan dura kanaan sirraa qabu osoo naaf hin kaffalin, har’a immoo lama taatanii na gaafattuu” hoggaa jedhu qabeenyuma isaa irratti naasuu tokko malee ajjeesee deemuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading