ONM-ABO Amajjii 29, 2025
Murni abbaa irree Bilxiginnaa maqaa Oromoon of waamuun uummata Oromoo sobaa ture ilmaan Oromoo dammaqiinsa qaban kan sobaa fi shira isaa hubatan akkasumas uummata biratti kabajaa fi fuudhatamummaa qabanii fi abdii egeree maatii, sabaa fi biyyaa ta’an adamsee ajjeesuun egeree sabaa fi biyyattii dukkaaneessee akka uummatichi qabsoo geggeessaa jiru irraa jiilee boodatti deebi’uuf ajjeechaa sukkanneessaa ilmaan Oromoo irratti geggeessaa jiru bakka hundatti itti fufee jira.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Idooroo Toobbaraa bakka addaa Gabaa Facaasee Abbaa Cinnaaluu jedhamutti Amajjii 27, 2025 waraanni PP dargaggoo maqaan isa Gaaddisaa Dhufeeraa jedhamu ganama toora sa’a 2:00 keessa qabuun rifeensa keetu dheeraadha WBO fakkaatta jechuun of bira oolchanii waaree booda toora sa’atii 9:00’tti rasaasa itti roobsuun ajjeessanii gatanii deeman.
Akka jiraattoonni bakkichaa jedhanitti dargaggoon kun hawaasa biratti jaalalaa fi kabajaa kan qabuu fi tuqtuqaa siyaasaa kam keessaa kan hin qabne ta’uu himuun, Oromummaa qofaan yakkanii akka ajjeesan jiraattotni ONM’tti himaniiru.

