ONM-ABO Amajjii 29, 2025
Hidhattootni murna Bilxiginnaa ilmaan Oromoo dararuu akka gootummaatti ilaalan aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Booraatti Amajjii 25, 2025 jiraattota aanaa Harxummaa Fursee ganda Habaqaa irraa gabaa magaalaa Booraa ba’an namoota maqaan isaanii Yusuuf Roggee fi Aliyyii Mahaammad Nuuriyyee jedhaman garmalee reebuun hidhaatti darbataniiru.
Akka jiraattotni dubbatanitti, Yusuuf abbaa dunkaanaa waan ta’eef meeshaalee dukkaanaa bitachuuf yeroo inni magaalaa Booraa ba’u hattootni sirnichaa maqaa warri Harxummaa marti deggartoota WBO’ti atis isaan keessaa tokko ta’uu hin ooltu jedhuun yoo qaban, Aliyyii ammoo qarshii obboleessi isaa Sa’ud Arabiyaa irraa mana ittiin naaf ijaari jedhee erge magaalaa Kamisee irraa fuudhee galaa jiru magaalaa Booraatti eeganii qarshii sana guutummaatti harkaa saamuun isa ammoo hidhaatti darbatan jedhu.
Hidhattootni maafiyaan PP kun guyyaadhuma sana magaalaadhuma Booraatti shamarran lama kanneen aanaa Harxummaa Fursee ganda Boruu Mukaa fi Daahaa irraa magaalaa Booraa gabaaf ba’an kan maqaan isaanii rakkoo nageenyaaf jecha hin eeramne saamanii reebicha suukkanneessaa ta’an irratti raawwachuun guyyaa lama hidhanii gadi lakkisuun barameera.


