• Fri. Nov 27th, 2026

Hidhattootni Bilxiginnaa Godina Baha Wallaggaa Aanaa Nuunnuu Qumbaatti ilma keessantu bosona jira jechuun maatii tokko irratti ajjeechaa, hidhaa fi saamicha raawwatan

Jan 30, 2025

ONM-ABO Amajjii 30, 2024 

Akkuma guutuu Oromiyaatti sabboontota ilmaan Oromoo fi maatii qabsaa’otaa rakkisaa kan jiran tiksitootni Impaayera bututtuu Itiyoophiyaa haala duraan barameen olitti gocha badii isaanii uummata Oromoo irratti raawwatan jabeessanii itti fufaniiru. 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Waamaa Bidiruutti Amajjii 25, 2025 jaarsa biyyaa nama maqaan isaanii Obbo Hiisaa Adam jedhaman ilma keessantu miseensa WBO’ti jechuun maatii isaanii cufa waliin qabanii erga hidhanii booda guyyuma sana galgala baasanii haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii bakkeetti gatan.

Akka jiraattotni jedhanitti, hidhattootbni kunneen Obbo Hiisaa haala suukkaneessaan ajjeesanii bakkeetti gatuu fi maatii isaa ammoo hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti hidhanii dararaa jiraachuu himuun, guyyaadhuma sana loon maatii isaanii 8 ta’an jalaa ooffatanii deemuu maddeen ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply