• Sat. Apr 4th, 2026

Naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Bulan keessaa hojjettoonni mootummaa  sabaan Oromoo ta’an hojii idilee irraa ugguramuun hidhaatti darbatamaa jiraachuun dhaga’ame

Jan 30, 2025

ONM-ABO Amajjii 30, 2024 

Waajjira hojii Bilxiginnaa keessatti illee ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf akka diinaatti ilaalamuun ari’atamaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Bulan magaalaa Bulan keessatti hojjettoonni mootummaa ogummaa barsiisuummaa fi fayyaatiin hawaasa tajaajilan kanneen sabaan Oromoo ta’an 6 torban lamaan darbe keessa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun badii tokko malee ergamtoota sirnichaan hojii idilee isaanii irraa ukkaamfamuun hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Barsiisotaa fi ogeessota fayyaa hidhaman kanneen keessaa kan maqaan nu ga’e:

  1. Addaamuu Qana’ii,
  2. Dhugumaa Baqqalaa,
  3. Mulaalem Baqqalaa,
  4. Gurmeessaa Ayyaanaa fi namoota 2 kanneen maqaan isaanii adda hin baane ta’uun barameera.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen halkaniif guyyaa dafqanii lammiilee impaayerattii tajaajiluun alatti, siyaasa kam keessa kan hin jirre yoo ta’u, aanicha keessattis jibbiinsaa fi ilaalchi sanyummaa ilmaan Oromoof qaban saboota kaan irra adda ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading