ONM-ABO Amajjii 29, 2025
Impaayerri Itiyoophiyaa diina saba Oromoo taatee baroottan hedduuf dhiiga ol adeemtotaa dhangalaasaa har’a kan geesse lammiileen impaayerattiis, rakkoo siyaasaa fi ajjeefamuu dheessuun gara biyyoota ollaa kanneen akka Somaaliyaa, Jabuutii, Sudaan, Keeniyaa, Yamanii fi kanneen hafan birootti godaanuun jiraatu.
Haa ta’u malee sodaan baqachuu isaaniis kan isaaniif hin hafne rakkoon jeequmsaa impaayerattiin lammiilee ishee irratti qabsiistu biyyoota gaanfa Afrikaa guutuutti babal’achuun daddaaqamiinsa siyaasaa uumamuunis uummanni Oromoo aarsaa lubbuu impaayerattii fi biyyoota ollaatti yeroodhaa yerootti kaffalaa jira.
Bifuma kanaanis godaantonni impaayerattii keessaa baqachuun yeroo ammaa biyya Somaaliyaa fi Yaman keessa jiraachaa jiran sababa Oromummaa fi dhalattoota Itiyoophiyaa ta’aniif humnoota waraanaa biyyattii fi shiftootaan saamamaa gariin ammoo reebichaa fi ajjeechaan irratti wal jijjiiiraa akka jirus ONM odeeffateera.
Keessattuu torbanoota darban keessa biyya Somaaliyaa magaalaa Moqaadishoo fi kanneen birootti namoonni danuun ajjeefamaa jiraachuun kan himamu yoo ta’u, kanneen Biyya Yaman keessa jiraatan ammoo shiftoota biyyichaan ukkaamfamuun maallaqa gurguddaa gaafatamaa jiraachuun ibsameera.
Xiyyeeffannoon yeroo ammaa biyya Somaaliyaa keessatti uummata Somaaliyaa fi poolisota biyyichaan adeemaa jiru bakkeewwan uummanni Oromoo keessatti heddummatan cufatti reebicha ulfaataa, saamicha, hidhaa fi duulli ajjeechaa saba Oromoo irratti taasifamaa akka jirus beekameera.
Hidhamtoonni manneen hidhaa biyyichaa keessatti argamanis kanneen akka Garawwee, Busaasee fi Puunti laandii keessatti beelaan lubbuun darbaa jiraachuunis ibsameera.




