ONM-ABO Amajjii 29, 2025
Kibxata kaleessaa haleellaa xiyyaaraa Israa’el magaalaa kibba Libaanos irratti xiyyeeffattee raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 14 madaa’uun waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuu biraa agarsiisa.
Ministeerri Fayyaa Libaanos gabaasa haaromfameen ”haleellaan qilleensaa Israa’el magaalaa irratti raawwatteen namoonni 14 madaa’aniiru” jedheera.
“Dirooniin diina Israa’el haleellaa misaa’ela qajeelfama qabuun konkolaataa pikaappii daandii naannoo mana barumsaa Al-Rawdat Nabatiyeh al-Fawqaatti argamu irratti xiyyeeffatee raawwate,” jechuun Ejensiin Oduu Biyyaalessaa Libaanos gabaaseera.
Dhohinsi misaa’ela kanarraa dhufe naannoo dhiyootti akka dhaga’ame hubachiiseera.
Ejensichi kantiibaa magaalaa Nabatiyeh al-Fawqaa, Yasser Gihandur wabeeffachuun, “ Israa’el namoota nagaa fi jiraattota nagaa mana isaanii keessatti xiyyeeffattee hojjechaa jirt” jedheera.
Itti dabaluudhaanis, “Dirooniin diinummaa qabu kun konkolaataa pikaappii kuduraa geejjibuuf gargaaru daandii guddaa Nabatiyeh al-Fawqaa irratti xiyyeeffate,” jechuun Arabs news gabaaseera.


