ONM-ABO Amajjii 29, 2025
Poolisiin Siwiidin Kibxata ganama barii nama konkolaataa tokkoon karra Imbaasii Raashiyaa Istookhoolm keessa jiru keessaa cabsee seenuuf yaale to’annoo jala oolchuu isaanii dubbataniiru.
Poolisiin akka jedhetti, namni ganna 45 kun yaaliin kun waan kufeef seeraan ala seenuun shakkamee to’annoo jala. Poolisiin waa’ee eenyummaa namichaa odeeffannoo dabalataa hin kennine.
Dubbi himaan poolisii akka jedhanitti, kaka’umsa tokko kan agarsiisu akka hin jirree fi konkolaataan sun waan shakkisiisaa ta’e akka hin qabne himaniiru.
Imbaasiin Raashiyaa battalumatti ibsa akka hin kennine Rooyiters gabaaseera.


