ONM-ABO Amajjii 30, 2025
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Siree ganda Hagaloo keessaa loltoonni sirnichaa daa’ima ganna 12 kan maqaan isaa Ayyaanaa Dirribaa jedhamu qabanii guyyoota muraasaaf of bira tursiisuun Amajjii 27, 2025 rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatan.
Aanichuma ganda Agaloo Tuulamaattis Amajjii 25, 2025 nama maqaan isaa Waldee Likkaasaa jedhamu ajjeesanii bakkeetti gatuun, loon isaa 6 ammoo saamuun qalatanii nyaataaniiru.
Aanichuma ganda Dichoo Abbaa Garmaamaa keessaa Amajjjii 27, 2025 ergamtoota maafiyaa PP’n dargaggoonni 3 kan maqaan isaanii:
- Taarikuu Abarraa,
- Dastaa Madaqsaa fi
- Galataa Cimdeessaa jedhaman
ukkaamfamuun achi buutee dhabamsiifamanii jiraachuu fi maatiin isaanii gaafachuu deeman illee ari’amanii deebi’uu jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Guyyaadhuma kana shiftoonni murna abbaa irree Bilxiginnaa kun gandoota akka Dichoo Abbaa Garmaamaa fi Baaroo jedhaman keessatti gubaatii manneen jiraattotaa irratti kan raawwatan yoo ta’u, namoota manneen isaanii jalaa gubachuun barbadaa’e keessaa kan maqaan nu ga’e:
- Dassaalee Hayiluu
- Caalii Shandoo
- Bayyanee Lammeessaa fi
- Biraanuu Abbalaa kan jedhaman ta’uun barameera.
Dabalataan hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin godina Baha Wallaggaa aanaalee garaa garaa keessatti dhiittaan mirgoota namoomaa jiraattota irratti geggeeffamu jabaatee itti fufuun, Amajjii 25, 2025 ganda Baddeessaa Abbaa Garmaamaa fi Dichoo Abbaa Garmaamaa keessaa uummata mana amantaa keessa jiru gadi baasanii maqaa isaanii tokko tokkoon waraqaa irraa dubbisanii waamuun reebicha ulfaataa irraan ga’aa kan turan ta’uu maddeen keenya onichaa dabaluun dubbataniiru.
