• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Matakkal Aanaa Dibaax keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo saamuu fi hidhuu cimsanii itti fufan

Jan 31, 2025

ONM-ABO Amajjii 30, 2025 

Aanaa Dibaax bulchiinsa magaalaa Gaalessaa keessatti waraanni faashistii PP nama maqaan isaa Dhaabaa Gammachuu jedhamu jalaa qarshii 100,000 yoo saaman, namoota maqaan isaanii: 

  1. Dirribaa Asaffaa, 
  2. Abuunaa Gammachuu fi 
  3. Jirraa Balaay 

jedhaman irrattis saamicha hamaa ta’e raawwatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, magaalicha keessatti ilmaan Oromoo hedduun hidhamanii dararamaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa kan maqaan nu ga’e muraasni:

  1. Maammoo Warquu,
  2. Waaqtolee Margaa fi kanneen biroo hedduu ta’uun ibsameera.

Akka maddeen himanitti, ilmaan Oromoo saamichaa fi hidhaan dararamaa jiran kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, magaalicha keessattis ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf saboota kan biroo irraa addatti akka diinaatti ilaalamuun yakkoonni gara jabinaa guyyuun ergamtoota sirnichaan irratti raawwatamaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading